Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee awwaalchi Aggituu iddoo dhaloota isheetti ta’uu akka qabu gaaffii dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee biyya Xaaliyaaniitti kan ajjeefamte Aggituu Guddataa iddoo dhaloota isheetti kabajaan awwaallamuuf reeffii gara biyyaa akka dhufu Miinisteera Dhimma alaa gaafateera.

Ministeerri Dhimmi Alaas bulchiinsi magaalichaa fi maatiin ishee reeffa Aggituu simachuuf wayita qophii ta’an kan fidu ta’uu ibseera.

Aadde Aggituu Guddataa wayita baqaan turte Xaaliyaanitti hojii uumuu fi hojjettuu cimtuu, akkasumas mirga dubartootaaf falmuun kan beekkamtu dubartii jajjabee fakkeenya dubartoota Ityoophiyaa taate ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Dhalattuu magaalaa Finfinnee ta’uu isheen iddoo dhaloota isheetti kabajaan awwaallamuu akka qabdu dubbataniiru.

Erga ajjeeffamuu ishee dhaga’amee kaasee gaddi guddaan itti dhaga’amuu kan ibsan aadde Adaanach, maatii fi firoottan isheef jajjabina hawwaniiru.

Yakki ajjeechaa Aggituu daraan gaddisiisaa fi sukkanneessa ta’uu kan eeran Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, lammiileen Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa keessa godaansaan jiraatan sodaamalee tokkummaa fi gamtaan haqa Aggituuf qabsaa’uu akka qaban himuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.