Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa tarkaanfii gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti fudhate balaaleffate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa tarkaanfii gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti fudhate balaaleffateera.

Bulchiinsi magaalicha haala yeroorratti ibsa laateera.

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa fi uummanni tarkaanfi mootumma federaa garee ABUT irratti fudhatuu cina akka dhaabbatuu fi ga’eesa akka ba’aatuu ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa iddoo garagaraatti ka’aa jiruuf ka’umsa kan ta’e gareen ABUT amma immoo Raayyaa Ittisa Biyyaarratti tarkaanfiin fudhate kun gocha gara jabinaa ta’uu himameera.

Qajeelfama mootummaan federaalaa fudhatu gutummaa guutuutti hojiirra oolchuuf qophii ta’uu ibsameera.

Jiraattonni magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun galeesaanii ba’uu akka qaban Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa waamicha dhiyeessera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.