Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 31 ol taasise
Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 31 ol taasiseera.
Bulchiinsi magaalichaa hawaasa hirmaachisuun Birrii miiliyoona 28 walitti qabuu fi deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 3 oliin taasiseera.
Sirna wal harkaa fudhinsichaarratti kan argaman Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, deeggarsa jiraattoonni magaalichaa raayyaa ittisa biyyaaf taasisaan galateeffataniiru.
Deeggarsi taasifamuu birmaddummaa biyyaa eegsisuuf kan kaayyeeffatee ta’uun lammiin hundi raayyaa ittisa biyyaa cina akka dhaabbatuu waamicha dhiyeessaniiru.
Qiddist Tsafaayeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.