Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa projektoonni ijaarsarra jiran ariitiin akka xumuraman yaadachiise

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa projektoonni buleeyyii fi haaraan ijaarsarra jiran barri baajataa 2014 osoo hin xumuramiin dura akka xumuraman yaadachiise.

Kantiibaan magaalichaa obbo Kadir Jawaar ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, harki caalaan projektiiwwan ijaarsa daandii buleeyyii fi haaraan magaalicha keessatti hojjetamaa jiran harkifachuu gamaaggamaan adda baasuu eeraniiru.

Harkifannaa projektiiwwan kanneeniif dhaabbileen ijaarsaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa ga’ee qabaachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee uummata magaalaa Dirree Dawaa irratti qoosaniif kana caala obsa kan hin qabne ta’uu fi hojiilee ijaarsaa biroorratti kan hin hirmaachisne ta’uu kaasaniiru.

Barri bajaataa 2014 osoo hin xumuramiin dhaabbileen ijaarsaa hojiilee eegalan qulqullinaan xumuruun dabarsuu akka qaban ajajni cimaan dabarfamuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.