Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa boru mootummaa haaraa ni hundeessa
Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC) –Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa gaaffii bu’uuraalee misoomaa ummataa fi bulchiinsa gaarii haal deebisuu danda’uun boru caasaa mootummaa haaraa kan hundeessu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree magaalichaa Faxuum Musxafaa beeksiisaniiru.
Manni marichaa 2ffaa bara hojii 2ffaa yaa’ii idilee 48 xumura guyyaa har’aa gaggeesseera.
Caaseeffamni mootummaa haaraan kun hojii to’annoo fi hordoffi taasiisuun itti gaafatamummaa sirnaan ba’uuf kan dandeessisu ta’uu Af yaa’ii Faxum ibsaniiru.
Manni marichaa qaboo yaa’ii 47ffaa sagalee guutuun raggaasiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.