Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Asallaa weerara vaayrasi Koroonaa ittisuuf sochiin tiraafika magaalaa keessaa akka dhaabbatu murteesse

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Asallaa weerara vaayrasi Koroonaa ittisuuf sochiin tiraafika magaalaa keessaa akka dhaabbatu murteesse.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa irraa eegalee baajaajonni, taaksiin gandoota baadiyyaa irraa ummata gara magaalaa fidan akkasumas motor saaykiliin (doqdoqqeen) akka hin sochoone dhoorkamaniiru.

Konkolaattonni geejjiba ummataa aanaalee fi godinaalee irraa dhufan yeroodhaaf addaan fageenya hawaasummaa eeganii imaltoota fe’uun ni tajaajilu jedhameera.

Weerara dhibee vaayrasi koroonaa ittisuuf ummanni qajeelfamoota mootummaa fi gorsa ogeessota fayyaa hojiirra oolchuu qaba jedheera.

#sochii daandiwwan irra taasisu dhaabuu
#imala bakka bakkatti taasisu dhaabuu
#hariiroo hawaasummaa waliin waliin qabu hanga yeroo hamtuun tun dabartutti dhaabuu
#mana ofii ooluu, dirqama taatee yoo manaa baane addaan fageenya hawaasummaa karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuu qabna jechuun kominikeeshiniin magaalaa Asallaa beeksiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.