Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa lammiilee harka qalleeyyii kuma 1 oliif maaddii qoode

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa ayyaanoota Faasikaa fi Iid Alfaxir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 1oliif maaddii qoideera.

Lammiileen deeggarsa argatanis deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiseef galateeffataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldeen Ayyaanota waliin dabarsuuf aadaa walbira dhaabachuu qabnu cimsuun harka qalleeyyiif maaddii qooduun barbachisaa ta’uu dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Kominkeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaa maaddii qooduu kanaan daakuu, zayinni nyaataa fi lukkuun lammiilee harka qalleeyyii kanneeniif laatamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.