Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalotaa fi naannolee ja’atti gaaffii deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin uwwisuu umameera-Koomishinicha

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalotaa lamaanii fi naannolee ja’atti gaaffii deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin uwwisuu uumamuun akka danda’ame Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa ibse.

Koomishinarri Komishinichaa Dooktar Shifarraa Taakilamaariyaam, gargaaramtummaa keessaa bahuun dhimmaa kabaja biyyaalessa ta’uu eeruun, balawwan uumamaa fi namtolchee dandeettii ofiin deebii kennuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan hojmaati balaa dursanii ittisuu, yeroo balaa fi balaa booda dandeettii ofiin deebii kennuu diriirfamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Deeggarsa namoomaa fi meeshaalee lammiilee barbaachisus waggaatti yeroo lama qorannoo gaggeeffamuun saaxilamummaa hambisuuf sirni deeggarsaa seeftineetii misoomawaa dhiyaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbileen deeggarsaas deeggarsa guyyuu kennuun namummaa ta’us, lammiilee deeggarsi barbaachisuun, galma misoomaa waaraarratti bobba’uun ofii isaaniin akka dandamatan hojiin deeggaruu kan irraa eegamu ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchiinsa magaalotaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa dabalatee naannoleen ja’atti gaaffiilee deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin akka uwwisan taasisuu uumamuu ibsuu TOI gabaaseera.

Naannoolee walitti bu’iinsi uumamee ture, Tigiraay, Amaaraa fi Afaaritti deeggarsi dhiyaachaa jiraachuu ibsanii, fuuldurattis naannoleen hundii of akka dnda’an kan taasfamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.