Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalichatti fayyadamummaan haqa qabeessaa jiraattotaa mirkanaa’uu eegaleera-Aadde Adaanech

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Haala ummataaf waadaa galameen hojiilee hojjatamaniin fayyadamummaan haqa qabeessi jiraattotaa mirkanaa’aa jiraachuu Kantiibaan Bulchiisa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen dubbatan.

Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee raawwii baatiiwwan sadan darbanii gaggeessaa jiraachuun ibsame.

Gamaaggamicharratti Aadde Adaanech Abeebeen akka jedhanitti caasaan bulchiinsa magaalichaa hojiilee qindoominaan hojjetaniin hawwattummaa magaalicha dabaluu fi waadaa uummataaf galame hojiirra oolchuun akka danda’ame eeran.

Kana malees, fayyadamummaan haqa qabeessi jiraattotaa mirkanaa’aa jiraachuu fi haqni hawaasummaa babal’achaa dhufuu himuu ragaan Wajjira Kantiibaa Magaalicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.