Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalichaatti Piroojektoonni 315 ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Piroojektoota ijaarsarra jiran 406 keessaa 315 ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Itti Aanaan Kantibaan Magaalichaa Obbo Guyyoo Galgaloon ibsaniiru.

Piroojektooni kunneen torbee dhufee eegalee marsaa 2 kan eebbifaman ta’uu eerameera.

Bara baajataa kana Piroojektoonni haaraan 310 fi buleeyyiin 96 bal’inaan hojjetamaa turuu dubbataniiru.

Piroojektoonni kunneen Baajataa Mootummaa Birrii Biiliyoona 18 fi miiliyoona 870 fi Kenna Tajaajilaa Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 564 akkasumas deeggarsa garaagaraan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Piroojektoonni Bishaan Dhugaatii, Hospilaallii fi Manneen barnootaa hojjetamuun tajaajilaaf qophaa’uu kaasaniiru.

Lalisee Tasfaayee fi Meeroon Mulgeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.