Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Shaambuutti hojiin tajaajila lammummaa gannaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuutti hojiin tajaajila lammummaa gannaa mana namoota harka qalleeyyii Ijaaruufi suphuun eegalame.

Hojiin Tajaajila lammummaa kun bakka Sadarkaa Preezedaantii Itti Aanaatti Qondeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amantee fi Hoggaanaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloo, akkasumas hoggantoonni Godinaafi magaalaa argamanitti eegaleera.

Hojiin tajaajila lammummaa Uummata Oromoof Aadaafi duudhaa isaa ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Aamantee addeessaniiru.

Uummanni Oromoo bakka jirutti wal gargaaruun, namoota sababa nageenyaan rakkoo adda addaa keessa jiraniifs tumsa garaagaraa taasisuun cinaa dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Ejjennoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabatee jiruun uummata gama hundaan fayyadamaa taasisuuf, misooma waloof tajaajila lammummaa, nageenya waloof Gaachana Sirnaafi hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaatiin hojiin guddaan kan hojjetamaa jiru ta’uu Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloo eeraniiru.

Hojii tajaajila lammummaa kanaanis lammiin lammii cinaa akka dhaabbatuuf, hojiin guddaan hojjetamaa jiraachus kaasaniiru.

Hirmaannaa qaamolee hawaasaa garaagaraan hojiilee addaa addaa tajaajila lammummaan hojjechuufis qophii ta’uu dubbataniiru.

Hojiin Tajaajila lamummaa, namni qabu isa hin qabne cinaa dhaabbachuun, akka walgargaaru kan taasisu waan ta’eef, hojiin kun godinicha keessatti bal’inaan kan irratti hojjetamu ta’uu Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee himaniiru.

Magaalaa Shaambuutti,hojii tajaajila lammuummaa gannaatiin manneen namoota harka qalleeyyii  20 ijaaruu fi suphuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kantiibaan Magaalichaa Obbo Amdihuun Nuuruu ibsuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.