Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti dargaggoota Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamaniif sagantaan gaggeessaa taasifame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti dargaggoota Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamaniif sagantaan gaggeessaa taasifameera.

Sagantaa gaggeessaa kanarratti haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Sabbataa obbo Waaqayyoo Halakee, akka jedhanitti jijjiirama fiduu qofa osoo hin taane jijjiirama dhufe tikfachuun murteessaa ta’uu eeranii Gaafa guddinni dhufu diinni keessaaf alaa nutti baay’achaa dhufe waan ta’eef diina kana hirree tokkoon qolachuun barbaachisaa dha jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Sabbataa obbo Biraanuu Baqqalaa gama isaanitiin dargaggoota kanneeniif ergaa dabarsaniin akka jedhanitti isin gootota gaafa xiiqii birmadummaa biyyaa tiksuuf

injifannoowwan gama hundaan aarsaa guddaa kaffalameen dhufe gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf murteeffassan waan ta’eef murteen keessan murtee seena qabeessas jechuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii magaalaa Sabbataarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.