Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Ganda 08 Karaabuu Hurbuuttii daandiin Sadarkaa Asphaaltii kiiloo meetra 3 tahu abbootii Qabeenyaan hojjatame eebbifame

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –  Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Ganda 08 Karaabuu Hurbuuttii daandiin Sadarkaa Asphaaltii kiiloo meetra 3 tahu abbootii Qabeenyaan hojjatame eebbifame.

 

Kantibaan Magaalaa Sabbataa obbo Birhaanuu Baqqalaa Abbootiin Qabeenyaa keenya waan waada Uummataaf galan sirnaan ba’a jiru jedhan.

 

Bulchaan gandichaa obbo Caakkaa Habeebee gama isaaniitiin daandiichii hirmaannaa ho’aa Abbootiin qabeenyaa taasisaniin yeroo gababaa keessaatti xumuramuun tajajiilaaf ga’uu himaniru.daandiin kunis baajata miliyoonaa sadiitti siquun kan hojjatame tahuu himaniru.

 

Uummannii magaalichaas akka magaalaattii bara kana biqiltuu miliyoona 2 dhaabuuf godhamaa jiru fiixaan baasuuf ga”ee isaanii akka ba’uu qaban obbo Birhaanuun waamicha dhiyeessaniru.

 

Akka kominikeeshiniin bulchiinsa magaalaa sabbataa beeksiseetti, hundaa ol dhukuba vaayirasii koroonaa Qormaata Addunyaa tahee irraa of eeguun ofii fi lammii ofii akkasumaas biyya ofii bararuun dirqama tahuus obbo Birhaanuu ummataa magaalichaaf ergaa dhaamaniru.

 

Haaluma walfakkatuun, Jilli Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii Dooktar Alamuu Simeen durfamu Godina Gujiitti misoomawwaan bu’uuraa buleeyyi fi haaraa baajata Mootummaa Naannoo fi Godinaan hojjetaman eebbisaa jira.

 

Godinichatti Pirojektoonni buleeyyi fi haaraan 212 baasii Birri Biiliyoona tokko fi miiliyoona 800n ijaaraman keessaa Ispoortii Oromiyaatti, giddu galli Atleetiksii Aanaa Booree qaama eebba kanaati jedhameera.

 

Akkasumaas Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Hangar Guuteetti Piroojakttiin Bishaan dhugaatti qarshii Miiliyoona 99’n Ijaaramaa ture xumuramee eebbifame.

 

Jilli Sadarkaa Pireezedaantii Itti Aanaatti Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu piroojeektiwwaan garagaaraa eebbisan.

 

Jilli kun bakka buufata Xiyyaaraa Magaalaa Naqamtee ijaraamaa jiruufi Aanaa Wayyuu Tuqaatti oomisha qonnaa kilaasteraan misoomaa jirus daawwateera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.