Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Nageellee Arsiitti boba’aan barmeelli 14  ol too’atame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Nageellee Arsiitti boba’aan barmeelli 14  ol too’atamuu waajjirri poolisii magaalichaa himeera.

Tibbana boba’aan karaa seeraan alaatiin daddabarfamaa daandii irratti kan gurguramu ta’uufi kanaanimmoo akkaan rakkachaa akka jiran konkolaachiftoonni FBC’f himaniiru.

Irra deddeebiidhaan komiin dhihaatus furmaanni hamma yoonaa hin argamin kan hafedha.

Rakkoo kana furuuf qaamni Nageenyaa hordoffiirra akka jiru FBC’f kan hime yoo ta’u magaala Nageellee Arsiitti eeruu hawaasa irraa argameen boba’aan barmeeliin 14 fi jaarkaaniin 43 abbaan liitira 25 too’atameera.

Waajjira poolisii magaalichaatti Qindeessituun Diiviziyoonii Nageenya Naannoo Mirkaneessaa Inispeektar Fatiyaa Aliyyii boba’aan kuni mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee akka argamedha kan dubbatan.

Abbaan qabeenya mana boba’aan kuni itti kuufamee battalatti kan miliqe yoo ta’u hordoffiin taasifama jira jedhaniiru.

Waajjirichi tibbanatti rakkkkinoota qaala’insa gabaa uumaniif sababa kan ta’an daldaltoonni muraasni oomisha dhoksuun ofiif duroomaa jiraataa miidhuun akka jiru eeruu argataa akka jiruufi sanaanis sakatta’iinsa gochuuf qophaa’uu hima.

Qaamolee seeraan ala oomisha dhoksuun rakkoo qaala’uu gatii kana uuman saaxiluu irratti hawaasni eeruudhaan akka tumsuufis gaataniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.