Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti ayyaanni cuuphaa sirna ho’aan kabajame
Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti ayyaanni cuuphaa sirna ho’aan kabajameera.
Bulchinsa magaalichatti jala bultii ayyaana kataraa irraa kaasee ayyaanni cuuphaa karaa nageenya qabun kabajameera jedhame.
Ayyaannichi hordoftoota amantaa kiristaanaa fi kanneen biroo waliin ta’uun kabajamaa kan jiru ta’uus himameera.
Ayyaanni cuuphaa bara kana yeroo kabajamu kanneen baroottan darban irra wantonni adda taasisan heddun jiraachuu namootaa kabaja ayyaannicha irratti hirmaatan Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
Ayyaanni cuuphaa bara kana yeroo gootoota raayyaa ittisa biyyaa, biyya isaan lubbuu aarsaa kaffaluun nageenya biyya isaaniif dhabbataa jiranitti kabajamun adda isa taasisa jedhan jiraattoonni magaalichaa.
Kana malees hanga kabajni ayyaannichaa xumuramutti hawaasni naannawaa qaamoolee nageenya waliin ta’uu nageenya isaan eegachuu akka qaban himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.