Bulchiinsa Godaansa Hojjettootaa fooyyessuuf hojjetamaa jira – Ministeera Hojii fi Ogummaa
Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Godaansa hojjettootaa fooyyessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.
Ministeerichi hojjettoota biyyoota garaagaraarraa hojii barbaacha godaananiif eeggumsa fi uwwisa taasiisuuf manneen hojii biroo, tumsisoota fi Ejansiiwwan misoomaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Asaggid Geetaachoow ibsaniiru.
Ministeerich hojiilee hojjetaa ture Yaa’ii Ministirootaa biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa har’a eegalamerratti dhiyeesseera.
Bulchiinsi Qindaa’aa Godaantootaa, Godaantoonni bakka ka’aniis ta’ee bakka itti godaananitti ofis ta’ee maatii isaanii akka fayyadan hubachiiseera.
Godaantoota sirriitti beekuun biyyoota waliin dhimmicharratti dubbachuu, rakkoon yoo irra qaqqabe deeggaruu fi tarkaanfii jijjiirama qabatamaa fiduuf biyyoota, naannawaa fi sadarkaa idil addunyaatti furmaata waaraa laachuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.