Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Sababoota garagaraatin dheeratee kan ture bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ifoomuu Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa beeksiseera.

Qormaaticha fudhachuuf barattoota galma’aan kuma dhibba 6 fi kuma 17 fi 991 keessaa %96 kan ta’aan qormaaticha marsaa lamaan fudhataniiru.

Waliigalan kumni dhibbi 2 fi kumni 77 kan ta’an dubartoota jedhameera.

Soororsi qormaaticha  amansiisaa ta’uu fi meeshaalee sakattoo xuxuqqiirra bilisaatiin kaameraawwan poolisii federaa fi seekterichaatin tumsamee of eeggannoon gaggeeffamu ibsameera.

Barattoota dambii qormaatichaa cabsaan 141 irra bu’aa qormaata haquu dabalatee tarkaanfiwwan adda adda fudhatamaniiru.

Bu’uruma kanaan barattoonni bu’aa qormaata isaanii:-

1.Maarsariitii Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa:- http://result.neaea.gov.et

2.Maarsariitii Ministeera Barnoota  http://result.ethernet.edu.et

3.Bootii Teelegraamii (Telegram Bot):- @moestudentbot linkiwwan kanneen xuquun firii qormaataa isaanii ilaalachuu ni danda’uu.

4.Erga gabaaba SMS 9444 irratti lakkoofsa isaanii galchuu ergun bu’aa isaanii baruu ni danda’uu jedhameera.

Haaluma wal fakkatuun barattoonni komii qaba liinkii   http://result.neaea.gov.et   seenuu fi Compliant kan jedhu xuquun komii isaanii unkarratti guutuu akka danda’aan ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.