Fana: At a Speed of Life!

Bu’aalee qorannoon jijjiirama qabatamaa fiduuf dhaabileen barnoota olaanoo fi hayyoonni walitti dhiyeenyaan hojjachuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Gahumsa qorattootaa cimsuu fi qo’annoof haala mijataa uumuun bu’aaleen qorannoo jijjiirama qabatamaa akka fidaniif dhaabileen barnoota ol’aanoo fi hayyoonni walitti dhiyeenyaan hojjachuun barbaachisaadha jedhame.

Konfiransiin Biyyaalessaa 8ffaa mata duree “Qorannoon kallaqaa fi guddina hawaas-diinagdeef” jedhuun Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu qopheesse gaggeefamaa jira.

Yuunvarsiitiichatti Itti Aanaa Qo’annoof Qorannoo Tajaajila Hawaasaa Ce’umsa Teeknoloojii Dooktar Hasan Shifaa haasawaa taasisaniin, yeroon ammaa yeroo qo’annoo fi qorannoo saayinsawaan rakkoolee furuuf hojjatamuu qabudha jedhaniiru.

Yuunvarsiitichi gama kanaan rakkoolee hawaas-diinagdee furuuf qo’annoowwan garaagaraan hawaasatti dhiyaachuun hojjachaa jiraachuu eeraniiru.

Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Ahimad Kaliil gama isaaniin, Yuunvarsiitichi waggoottan 15 darbaniif qorannoowwan hedduu gaggeessaa turu himanii, xiyyeeffannoon qorannoo fi qo’annoof kennamu guddaa waan hintaaneef jijjiirrama barbaadamu fidaa hin jiru jedhan.

Kanaafis, gahumsa qorattootaa cimsuu fi qo’annoof haala mijataa uumuun bu’aaleen qorannoo jijjiirama qabatamaa akka fidaniif dhaabileen barnoota ol’aanoo fi hayyoonni caalmaatti walitti dhiyeenyaan hojjachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Konfiransii biyyaalessaa 8ffaa guyyoota 2’f turu kanarratti qorannoowwan 25 hayyoota dhaabbilee barnota olaanoo garagaraan ni dhiyaata jedhameera.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.