Fana: At a Speed of Life!

Bu’aalee guguddaa sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame dabaluuf kutannoon ni hojjetama- Pireezidaantota Naannolee

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Bu’aalee gurguddoo sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame boqonnaa lammaffaan dabaluuf keessumaa qonna walmakaan kutannoon akka hojjetamu Pireezidaantonni Naannolee dubbatan.

Pireezidaantonni naannolee sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaarratti hirmaachuun ashaaraa magariisaa baranaaf qophiin taasisuu kaasan.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa milkaa’ina boqonnaa jalqabaan argaman dabaluuf qophiin taasifamuu eeran.

Biqiltuuwwan naannichatti dhaabaman biiliyoonni 1.3 Buna, miiliyoonni 50 ammoo fuduraawwan dhaabuun dursee jalqabamuu mirkaneessan.

Pireezidaantiin Naannoo Beeniishaangul Gumuuz Obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin boqonnaa jalqabaatiin karooraa ol raawwatamuun bu’aalee hedduu argamsiisuu dubbataniiru.

Naannichi biqiltuuwwan jijjiirama haala qilleensaa damdamatan akksumas biqiltuuwwan wabii nyaataa mirkaneessan dhaabuuf haaldureen xumurameera jedhan.

Biqiltuuwwan Ganna kanatti dhaabamaniitti dabalataan kan bara waggaa dhufu dhaabaman akka qopheeffaman himaniiru.

Hawaasni naannichaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu aadeffachaa dhufuu yaadachiisanii, fuulduratti hojiilee misooma magariisaan qonna walmakaa xiyyeeffannoo keessa galchan cimanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaas gamasaaniin, Naannoon Tigraay hojiiwwan eegumsa naannoon fakkeenya kan ture ta’uu yaadachiisanii, haa ta’u malee hojiin eegumsa naannawaa sababa walitti bu’iinsan miidhamuu kaasan.

Kana bakka buusuuf sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaan bal’inaan raawwachuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru.

Haala walfakkaatuun pirezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, biqiltuuwwan nyaataaf oolanirratti xiyyeeffachuun kutannoon kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Pirezidaantonni naannoolee boqonnaan 2ffaa ashaaraa magariisaa naannoo Affaaritti wayita jalqabametti misoomni fuduraa yeroo gabaabaatti bu’aa galmeesse, humna kuufamaa Ityoophiyaan qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.

Haala Kanaan naannawaa Gammoojjiitti kutannoon hooggansaa yoo itti dabalame dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuutti dabalataan wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’amu kan akeeku ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.