Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa Shaayii fi Mi’eessituurraa Doolaara miiliyoona 30 argachuuf hojjetamaa jira-ATBShI

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Bu’aa shaayii fi mi’eessituurraa sharafa alaa Doolaara miiliyoona 30 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa ibse.

Leenjiin Paakeejii Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituu Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Daayrektarri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan, misooma mi’eessituu fi damichaan sharafa alaa argamsiisuuf bu’uurri seeraa qophaa’uu ibsan.

Waggoottan darban Sharafa alaa oomisha shaayii fi mi’eessituurraa sadarkaa barbaadamuun kan hinargamne ta’uu kaasanii, barana sharafa alaa Doolaara miiliyoona 30 argachuuf karoorfamee hojjetamaa akka jirus himan.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Mahaammadsaanii Amiin gama isaaniin, Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa bara 2016’tti lafa heektaara kuma 30 irratti baala shaayii misoomsuuf karoorfamee hojjatama jiraachuu eeran.

Biqiltuu baala shaayii miiliyoona 413 Godina Jimmaa, Buunnoo Beddeelee fi Iluu Abbaa Boor keessatti dhaabuuf qophaa’uu kaasan.

Godina Jimmaa aanaalee 21 keessatti misooma shaayii babal’isuun, lafa heektaara kuma 10 fi 900 irratti biqiltuun miiliyoona 136 baala shaayii misoomsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Mahaammad Abbaa Fiixaa dubbataniiru.

Leenjiichi, Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaan kan qophaa’ee fi bu’a qabeessummaa jalqabbii misooma Shaayii akka biyyaatti eegalame milkeessuuf ogeeyyii damichaa ga’oomsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Tasfaahuun Kabbadaa fi Warqaafarraa Yaaleewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.