Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa qonnarraa argamaa jiru caalmaatti itti fufsiisuuf qindoominaan hojjetamuu qaba – BQO

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC) – Bu’aa qonnarraa argamaa jiru caalmaatti itti fufsiisuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Buu’uura dinagdee biyya kan ta’e hojii misooma qonnaarratti bu’aa argamaa jiru caalmaatti itti fufsiisuuf qindoominaan hojjetamuuakka qabu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsaniiru.

Leenjii Qonna Arfaasaa fi Gannaa bara oomisha 2016/17 marsaa lamaan guyyoota 10f ogeeyyii Qonnaa Naannoo hanga aanaatti jiraniif kennamu magaalaa Adaamaatti eegaleera.

Ogeeyyiin qonnaa Godinaalee fi Aanaa kumni 2 fi 500 ol ta’an leenjii kanarratti kan hirmaatan ta’uu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.