Bu’aa qabeessummaa Sosochii Ityoophiyaa Haa Oomishtuuf hirmaannaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa cimuu qaba- Ministeera Indaastirii
Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Sosochiin Ityoophiyaa Haa Oomishtuu bu’aa qabeessa akka ta’uuf hirmaannaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa cimuu akka qabu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsan.
Eksipoon Ityoophiyaan haa Oomishtuu indaastiriiwwan oomishaa 350 ol irratti hirmaatan Eebila 28- Caamsaa 2, 2015’tti galma Barkumeetti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Kaayyoon Eksipoo kanaa oomishaalee sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun oomishamaniifi bu’aalee argaman sadarkaa biyyaa, ardiifi idil addunyaatti beeksisuuf ta’uu ibsameera.
Kana malees hariiroo oomishtootaa cimsuufi carraalee gabaa uumuuf ta’uu eeramera.
Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun oomishtummaa indaastiriiwwanii guddisuuf sadarkaa biyyaalessaatti hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsaniiru.
Sochichi gama oomisha alaa galu bakka buusuuniifi sharafa alaa argamu fooyyessuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
Sosochichi daran akka cimuuf hirmaannaafi deeggarsi damee dhuunfaa murteessaa ta’uu kaasuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.