Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa Sookoorraa argamu dabaluuf alseerummaan mul’atu hafuu qaba-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Bu’aa Albuuda Sookoo irraa argamu dabaluuf alseerummaa oomisha kanaa hambisuun murteessaa ta’uu Pireezidantiin Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin dubbatan.

Rakkoo oomishaa fi dhiyeessii Albuuda Sookoo irratti mul’atu furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin Magaalaa Shaashamanneetti mariin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti albuudni Sookoo oomishamaa jiraatus akkaataa karoorfameen gabaa biyyaalessaaf dhiyaachaa hinjiru jedhaniiru.

Galii oomisha Sookoo (Warqii) irraa argamu guddisuuf mootummaan naannichaa deeggarsa maashinaa taasisu eeranii alseerummaa oomisha kanaarratti mul’atu hambisuun murteessaadha jedhan

Qaamolee Albuuda Sookoo seeraan alaa baasaa turan seeratti dhiyeessuu fi daldala seeraan alaa hambisuuf xiyyeeffannoon hojjatamu akka qabu waltajjicharratti kaafameera.

Namoota akkaataa qajeelfamaan oomisha albuuda Sookoorratti hinhojjanne 105 eeyyamni isaanii haqamuu Hogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Obbo Bazzuu Waaqbeekaa himaniiru.

Namoota dhiyeessii Albuuda Sookoo irratti bobba’an 180 keessaa kanneen sadarkaa gaariirra jiran 94 ta’uu kan ibsan.

Marii kana irratti qooda fudhattoonni federaalaa, naannolee akkasumas hooggansi sadarkaan jiran Godina Booranaa, Boorana Bahaa, Godina Gujii fi Gujii Lixaa hirmaatanii jiru.

Lammaa Tasfayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.