Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa fooyya’aan akka galmaa’uuf waliin dhaabbachuun hojii fooyya’aaf qophaa’uu qabna-Dooktar Laaggasaa Tulluu

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC) Bara dhufu bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf tokkummaa keenya cimsinee waliin dhaabbachuun hojii fooyya’aaf qophaa’uu qabna jechuun Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun waamicha dhiyeessan.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa “Guyyaa Daneessummaa” kaajeera.

Dooktar Laggaasaa Tulluun waltajjicharratti, barri 2016 Itiyoophiyaan dameewwan dinagdee, siyaasaa, hawaasummaa, fi dippilomaasiin milkaa’ina kan itti galmeessiteedha jedhan.

Bu’aan kun kan argame tattaaffii lammiileen Itiyoophiyaa hundaan akka ta’es eeraniiru.

Bara dhufu bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf tokkummaa keenya cimsinee hojii fooyya’aaf qophaa’uu qabna jedhan.

Itiyoophiyaattii yeroo ammaa nageenyi fooyya’aan jiraachuu kaasanii, milkaa’ina fooyya’aafis ni hojjenna jedhaniiru.

Odeeffannoon tajaajila kanarraa argame akka mul’isutti guyyaa hojjettootaa sababeeffachuun hojjettoota dhaabbatichaa 32f nyaanni kennameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.