Bu’aa diinagdee teeknooloojiirraa fayyadamuuf ogeeyyii damichaan beekumsa qaban horachuun dirqama – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Bu’aa diinagdee teeknooloojiirraa fayyadamuuf ogeeyyii damichaan beekumsa gahaa qaban horachuun dirqama jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad mana barnootaa kennaa addaa magaalaa Buraayyuu eebbisiisaniiru.
Addunyaan teknooloojiin fagaattee deemteetti jedhan fuula feesbuukii isaaniin.
Ityoophiyaan bu’aa diinagdee teeknooloojiin argamsiisurraa akka fayyadamtu ogeeyyii damichaan beekumsa gahaa ta’e qaban horachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni kennaa qaban akka caalaatti gabbifataniifi biyyasaanii teeknooloojiin akka biyyoota guddatan cinaa hiriirsan giddugaleeyyii akka Mana Barnootaa Gabbifannaa Kennaa Addaa Buraayyuu baay’isuun nubarbaachisa jechuun ibsan.
Jiraattoota naannichaa ijaarsi mana barumsichaa jalqabamee hamma xumuramutti gumaacha taasiisan galateeffataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.