Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa ba’ii hedduu keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu dandeenyeera- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Bu’aa ba’ii hedduu keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu dandeenyeera jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon.

Gabaasni raawwii karooraa bara baajataa 2014 Koreewwan Dhaabbii 11 mana marichaa gamaaggamameera.

Manni marichaa Guyyaa hundeeffama mootummaarraa eegalee paartilee dorgomtootaa hirmaachisuun ijaarsa biyyaaf ga’ee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.

Hojiileen akka biyyaattii fi akka dhaabbataatti hojjetaman kan jajjabeeffaman ta’uu fi yaadonni dabalataa koreewwan dhaabbiin dhiyaatan barsiisoo ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aarraan ga’uuf deeggarsa hunda keenyaa barbaada jedhaniiru.

Ittaantuun Af Yaa’ii Aadde Loomii Badhoon gamasaaniin,hojiimaata  dhaabbileen gaarii hojjetan ittiin jajjabeeffaman, warreen hin  hojjenne ammoo ittiin itti gaafataman diriirsuun barbaachisaa ta’uu kaasuu ragaan Mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.