Fana: At a Speed of Life!

Bosonni Jibaat balaa ibiddaa gubachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Bosonni Jibaat balaa ibbidaa gubachaa jiraachuu Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosonaa  Oromiyaa Distiriikti damee Finfinnee beeksiseera.

Bosonni Jibaat distiriktiwwan bosonaa damee Finfinnee keessa isaa tokkodha.

Bosonichi Wiixata darbeerraa kaasee gubataa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

Bosonni Jibaat lafa heektara kuma 27 kan uuwisu yoo ta’u, aanolee godina Shawaa Lixaa Daannoo, Noonnoo ,Jibaatii fi liibaan Jaawwii keessatti akka argamuu wajjiirri bulchiinsa magaalaa Jibaat ibseera.

Dhaabbata bosonaa fi bineensa bosonaa Oromiyatti, itti aanaa  damee fi abbaa adeemsaa itti fayyadama bosonaa Finfinnee  obbo Nugusee Caalaa akka ibsanitti, ibidda bosonichaatti qabatee yeroon dhaamsuun sadarkaa ulfaataarra ga’eera jedhan.

Ibiddicha dhaamsuufis hawaasni naannichaa qaamoleen garaagaraa tumsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ibidda bosonaa Jibaattitti  qabatee yeroon dhabsuuf rakkoon nageenyaa mudachuu kan ibsa obbo Nuguseen,Bosonni Jibaatii aanolee ollaa sadii keessaatti argamaan lafaa heektara 500 ol gubachuu eerarraniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.