Fana: At a Speed of Life!

Bosona uumamaa Maajaangiif kunuunsi taasifamuu qaba- Mootummaa naannoo Gambeellaa

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) –  Bosona uumamaa Maajaang waggoota 4 dura Yuuniiskoorratti galmaa’eef kunuunsi taasifamuu akka qabu Ittaanaan Preezdaantii Mootummaa naannoo Gambeellaa obbo Teenkuuweey Jook ibsan.

Yaadannoon guyyaa galmee bosonichi yuuniiskoorratti galmaa’e sababeeffachuun Magaalaa Meexiitti sagantaa garaagaraan kabajameera.

Bosonichi qabeenya biyyattii eegamanii yeroo dheeraa turan keessaa tokko ta’uu fi kanaaf ammoo ga’een mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa olaanaa ta’uu obbo Teenkuuweey Jook ibsaniiru.

Bosonichi akka addunyaatti beekamtii argatee erga yuuniiskoorratti galmaa’e waggaa 4 lakkoofsisuu ibsuun tarsiimoo misooma magariisaa Ityoophiyaan qabattee jirtuuf  faayidaa qabaachuu himaniiru.

Hawaasni godinichaa fi qaamni dhimmisaa  ilaallatu qabeenya bosonaa kana daran eeguun misooma isaa waaraan itti fufsiisuuf cimanii akka itti fufan yaadachiisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.