Fana: At a Speed of Life!

Boruu eegalee galmeen waldaa mana jireenyaa ni eegala jedhame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Boruu eegalee galmeen waldaa mana jireenyaa kan eegamu ta’uu Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneennii Magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
Boruu eegalee guyyoota walitti aanaan 15f galmeen waldaa mana jireenyaa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Bulchiinsi magaalichaa fedhii mana jireenyaa jiraattoota magaalichaa furuuf sagantaa misooma manneen jireenyaa 10/90, 20/80 fi 40/60 ijaaruun abbootii carraaf dabarsaa turuu ibseera.
Jiraattoonni bara 2005 sagantaa 20/80 fi 40/60 galmaa’anii buusii osoo addaan hin kutin kaffalaa jiranii fi waldaa hojii gamtaan gurmaa’uun gamoo waliinii ijaaruuf fedhii qaban gurmeessuun akka ijaarratan taasiisuuf qophiin taasiifamaa ture xummuramuu biirichi beeksiseera.
Bu’uuruma kanaan guyyaa boruu eegalee jiraattoonni waldaan gurmaa’uun mana waliinii ijaaruuf fedhii fi humna qaban guyyoota walitti aanaan 15f galmaa’uu kan danda’an ta’uu ifoomseera.
Yaa ta’uutii jiraattoonni buleeyyiin bara 2005 sagantaa 20/80 fi 40/60 galmaa’anii buusii adda hin kunne,waldaan gurmaa’uuf fedhii fi humna qaban, waldaan erga gurmaa’anii tokkoon tokkoo isaanii baasii ijaarsichaaf barbaachisu % 70 qusachuuf dandeettii qaban kallattiin galmaa’uu kan danda’an ta’uu biirichi himeera.
Bitootessa 21, 2013 irraa eegalee karaa marsariitii Biiriichaa WWW.aahdab.gov.et kallattiin galmaa’uu ni danda’u jedhame.
Ijaarsi Sagantaa misooma manneenii 20/80 fi 40/60 buleeyyii fi idileen haaluma baramee kan itti fufu ta’uu biirichi beeksiisuu isaa ragaan Waajjira Seekreetariyaa Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.