Fana: At a Speed of Life!

Borurraa eegalee ji’aaf kan turu sosochiin nageenya daandii ni gaggeeffama

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Boruurraa eegalee guyyoota 30’f kan turu sosochiin hubannoo uumuu fi to’annoo tiraafika daandii biyyaalessaa akka gaggeeffamu Tajaajilli Fandii Inshuraansii Fi Nageenya Daandii ibse.

“Balaa hir’isuuf anis gaheen qaba”, “Qaammee hanga Qaammee ni geenya!”mata duree jedhuun sosochiin kun kan gaggeeffamuudha.
Hoji Gaggeessaan Tajaajilli Fandii Inshuraansii fi Nageenya Daandii Jamaal Abbaasoo ibsa kennaniin, balaawwan tiraafikaa biyyattiitti mudatan miidhaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa geessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Balaa tiraafikaa hir’isuufis hojjetamaa jiraachuu kaasanii, guyyaa boruurraa eegalee hanga Fulbaana 25, 2015’tti sosochii nageenya daandii gaggeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Sosochii kanarratti, sagantaan hubannoo uumuu guyyoota Qaammee qophaa’uu, konkolaachistoota seeraa tiraafikaa cabsan gorsuu fi barsiisuu, marii hawaasaa ittisaa tiraafikaarratti xiyyeeffate, arjooma dhiigaa, maatii midhaamtootaa balaa tiraafikaaf deeggarsa taasisuu fi Hospitaala Abeetiif deeggarsi meeshaalee wal’aansaa akka taasifamuu eeraniiru.

Qajeelcha Qorannoo Balaa fi To’annoo Tiraafikaa Poolisii Federaalaatti Itti gaafatamaan kutaa Tajaajila Leenjii fi Gorsaa Ittaanaa Komaandaraa Yisihaaq Tukkee gama isaaniin, balaan tiraafikaa humna oomishaa biyya dhaalu karaatti hambisaa jira jedhan.

Balicha hir’isuuf, kokolaachistoonni seeraa tiraafikaa sirnaan hojiirra oolchuu akka qabanii fi hawaasnis itti gaafatama isaa akka bahatu waamichaa dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.