Fana: At a Speed of Life!

Borurra eegalee daandileen konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Borurraa eegalee Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa Fi Walga’ii Idlee Mana Maree Raawwachiisatotaa 44ffaan hanga xumuramutti daandilee konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomse.
 
Yaa’ichi jalqabee hanga xumuramuttis daandileen eeraman cufaa ta’uu ibsuun, konkolaachistoonnis daandilee filmaataa biroo akka fayyadaman Poolisiin hubachiiseera.
 
Haaluma Kanaan Daandileen:
 
• Ibsaa Paarlaamaa-Ministeera Dhimma Alaa-Addabaabaayii Masqaalaa-Filaamiingoo-Olompiyaa-Walloo Safar-Embaasii Jaappaan-Fireendishiippi-Daandii Amartii Boolee-Buufata Xiyyaaraa;
 
• Ibsaa Paarlaamaa-Ministeera Dhimma Alaa- Masaraa Mootummaa Biyyalessaa-Filuhaa-Tiyaatira Biyyaalessaa-Addabaabayii Meeksiikoo-Naannawaa Galma Gamtaa Afrikaa
 
• Ibsaa Paarlaamaa-Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa-Paarkii Michummaa-Mana Maxxansaa Daldalaa-Hoteela Moonaarkii-Addabaabaayii Tewoodiroos-Hospitaalaa Xiqur Anbassaa-EBC-Tiyaatira Biyyaalessaa-Addabaabaayii Meeksiikoo;
 
• Ibsaa Paarlaamaa-Irraan Gadee Hoteela Sharaatan-Filuhaa fi Naannawaa Tiyaatira Ambaasaaddar;
 
• Mana Maree Daldalaa Eegalee Embaasii Sudaan-Balbala Seensaa Olaanaa Gamtaa Afrikaa-Saarbeet Kallattii Hundaan, Kamisa Guraandhala 7, 2016 eegalee keessummoonni hanga gara biyya isaaniitti deebi’anitti bitaafi mirgaan kallattii lameenuun yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaattota dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uun eerameera.
 
Tajaajila poolisii argachuufis ta’e odeeffannoo kennuuf lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11; 011-5-52-63-03; 011-5-52-40-77; 011-5-54-36-78; 011-5-54-36-81 akkasumas karaa sarara bilisaa 987; 991 fi 916 fayyadamuun akka danda’amu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Yaa’ichi milkaa’inaan nagaan akka xumuramuu hojiilee nageenyaa gaggeeffamanii fi yaa’iinsa tiraafikaa saffisiisuuf konkolaattonni daandiiwwan filmaataa biroo akka fayyadaman gaafateera.
 
Hawaasnis akkuma baratamee hojii qaamoleen nageenyaa hojjetaniif tumsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeesseera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.