Boqonnaa 2ffaan Badhaadhinaa Bara dagaaginaati-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC)– Boqonnaa 2ffaan Badhaadhinaa Bara dagaaginaati ta’uu Pireezidaantiin paartii badhaahdinaa fi Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akeekan.
Dooktar Abiy Ahimad sirna baniinsaa Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaarratti haasawaa taasisaniin, waggoottan muraasa darban imala badhaadhina eegalamaniin, boqonnaan jalqabaa baraa ka’umsa akka ture himan.
Barichi bara hirribaa keessaa dammaquu, idaa hedduu keessaa ba’uun waggootta itti eegalaman ta’uu dubbataniiru.
Boqonnaa kanatti kanneen hidhaman akka hiiikaman, kanneen godaanaan akka deebi’an, kan mufatee akka araaraman, kan ari’ataman akka deebi’an, kan qoqqoodame akka idaa’amu, qabeenyi akka mul’atu, sarbamni Itiyoophiyaa keessa haa dhaabbatu jechuun waggoottan ja’an darban hojjetamuu himan.
Boqannaan ka’umsaa xumuramuun, yaa’ii kanaan kan ragga’uu boqonnaan 2ffaa bara dagaaginaati jedhaniiru.
Bara dagaaginaa kanatti imalli irraa gadee fi cinaa yeroo itti xumuramu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ii kanaan booda dhimmoota ragga’aanii fi baatiiwwan muraasa itti aanaan yeroo waan dubbannee itti eebbisiisnudha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan waan eegalte dhaabsisuuf keessa fi alaan dhiibbaan taasifamus, mudhi hidhannee xumuruun, baatiiwwan itti aanaan ummataa Itiyoophiyaaf misiraachoo kan labsinudha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia