Fana: At a Speed of Life!

Booyingi Waajjirri Afrikaa Finfinneetti hojii eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)- Booyingi Waajjirri Afrikaa teessoon isaa Finfinnee ta’e Onkoloolessa dhufu hojii eegaluuf akka ta’e beeksise.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Waajjirichaa Heenook Tafarraa akka beeksisanitti, Booyingi Waajjiraa isaa Afrikaa Finfinneetti kan baneef Itiyoophiyaan hojii milkaa’aa damee aviyeeshiniin galmeessiteen ta’uu eeraniiru.

Waajjirichi baatii Onkoloolessaa dhufu hojii akka eegalu ibsuun, Waajjirichi banamuun Itiyoophiyaan giddugala Aviyeeshinii ta’uu ishee cimsitee akka itti fuftuuf carraa dabalataa akka uumu TOI gabaaseera.

Booyiingi Daandii Qilleensaa Itiyoophiya waliin ta’uun, keessumaa meeshaalee jijjiirraa xiyyaaraa waloon oomishuuf, walta’iinsa jiru cimsuuf hojiilee dandeessisanirratti kan xiyyeeffatu ta’uun akeekameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.