Fana: At a Speed of Life!

Booyiing oomisha Maaks 737 Amajjiirraa kaasee yeroodhaf dhaabufi

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Booyiing oomisha Maaks 737 Amajjiirraa kaasee yeroodhaf dhaabufi.

Booyiing balaa hamaa gosa xiyyaarichaarra si’a lama mudateen booda oomisha hin dhaabne ture.

Yaata’uutii amma yeroodhaf oomisha dhaabun dirqii akka itti ta’e beeksiseera.

Balaa Booyiingirra Indooneezhiyaa fi Ityoophiyaatti qaqqabeen imaltoonni 300 ol lubbuu isaanii dhabuun ni yaadatama.

Dhaabbatichi rakkoo mudate qoratee adda baasuun amma dhuma bara Faranjootaa kanaatti qilleensatti deebi’uun yaadasaa ture.

Dhaabbanni To’annoo Ameerikaa garuu xiyyaaricha ammatti tajajailatti deebisuunwaan hin yaadamne ta’uu beeksiseera.

Booyiing dhaabbata Ameerikaa jabaa oomishasaa gara alaatti erguun beekamudha.

Oomisha dhaabun isaa hojjettoota hir’isuun wal hinqabatu; diinagdeedhan malee jedheera ibsa baasen.

Dhaabbanni To’annoo Ameerikaa akka beeksisetti Booyiing tajaajila imalaatti deebi’uuf fooyyessa diizaayinaa taasisuu qaba.

Booyiing gama isaatin sirna to’annaa xiyyaarichaarratti fooyyessa taasisuu beeksiseet ture.

Dhaabbatichi akka jedhutti xiyyaarota Maaks 737 dhibba 4 kuusaa keessaa qaba.

Daandileen qilleensaa biyyoota addaddaas xiyyaaricha fudhachuuf oomisha ajajataniit turan.

Kun ammoo injiinaroonni dhaabbatichaa rakkoo mudateera jedhame maqsuuf carraa nuuf laatan abdachiiset ture.

Xiyyaaricha gabaa keessaa baasun Booyiing Doolaara Ameerikaa biiliyoona 9 akka dhabu isa taasiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.