Fana: At a Speed of Life!

Boordiin sakkattoo hojiirra oolamaa labsii yeroo ariifachiisaa magaalaa Sabbataa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Boordiin sakkattoo hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa hojiilee ittisa vaayrasii koroonaa magaalaa Sabbataa daawwateera.
 
Hojiin odeeffannoo kennuu magaalichatti hanqina qabaachuu boordichi ilaaleera.
 
Waa’ee weerara vaayrasii koroonaarratti odeeffannoo ga’aa argachaa akka hin jirre jiraattoonni magaalichaa toora bilbilaan boordii kanaaf yaada kennaa turuu isaanii miseensonni boordichaa himaniiru.
 
Daawwanna taasifame keessattis hanqinni hubannoo hawaasa bira jiraachuu miseensoonni boordichaa hubachuu isaanii eeraniiru.
 
Magaalichaatti waa’ee weerara vaayrasii koroonaarratti hojiin hubannoo umuu xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu boordichi eeruu isaa ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarraa argame ni muul’isa.
 
Miseensonni boordichaa naannoo Kibbaa godina Silxee, Hadiyyaa fi Walaayittaattis daawwannaa gaggeessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.