Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Qorannoo Rawwii Yeroo Ariifachiisaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa daawwateera

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Boordiin Qorannoo Rawwii Yeroo Ariifachiisaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa daawwateera.

 

Boordichi daawwanna isaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti giddugala qindeessa rakkoolee fi deebii weerara vaayrasii koroonaa waliin walqabatee sochiin inistiitiyuutichaa maal akka fakkaatu gamaagameera.

 

Hogganaa Itti Aaanaa isaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti giddugala qindeessa rakkoolee fi deebii obbo Zawduu Asaffaa ijaarsa garee fi sochii walii galaa irratti miseensoota boordiif ibsa laataniiru.

 

Daayreekatarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa dhibeen kun biyya keenyaatti otuu hin uumamin dura ofeeggannoo dursaa fi dhukkubichi erga beekamee eegalee hojii hojjetamanirratti barreeffamaan dhiyeessaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.