Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa taajjabdoota beekamtii laateefiif waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hojii bu’aa yeroo murtoo uummataa qulqulleessuufi mirkaneessuu akka taajjabaniif qaamolee taajjabdoota beekamtii laateefiif waamicha dhiyeesse.

Boordichi hojii bu’aa murtoo uummataa naannoo Uummattoota Kibbaa godinaalee 6fi aanaalee addaa 5’tti gaggeessee qulqulleessuufi mirkaneessuu Guraandhala 6, 2015 Waajjira Qindeessaa Murtoo Uummataa magaalaa Arbaa Mincitti argamutti eegaluu beeksiseera.

Haaluma kanaan qaamoleen boordichaan beekamtiin kennameef, miidiyaaleen eeyyama gabaasuu argataniifi bu’aa filannoo Bulee boordichi irra deebiin gaggeesse akka taajjabaniif bakka buutonni paartii beekamtii argatan giddugala qindeessichaatti argamuun adeemsa bu’aa qulqulleessuufi mirkaneessuu taajjabuu kan danda’an ta’uu yaadachiiseera.

Boordichi bu’aa murtoo uummataa isa xumuraa waajjira qindeessichaan qulqullaa’eefi boordichaan mirkanaa’e Guraandhala 8, 2015 uummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksiseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.