Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa paartilee siyaasaa sanadoota guuttamuu qabu hin dhiyeeffanne 26 haquu beeksise

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) -Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa paartilee siyaasaa sanadoota guuttamuu qaban hin dhiyeeffanne 26 haquu beeksiseera.

Paartileen siyaasaa hundi ulaagaalee guuttachuu qaban akka guuttatan gaafatamaniis paartileen siyaasaa 26 ulaagaa guutuu dhabuu isaaniin haqamuu boordichi ibseera.

Boordichi akkataa labsii lakkoofsa 1162/2011 fi qajeelfama boordichaa paartileen siyaasaa ulaagalee dirqama guutuu qaban akka guuttan tumame bu’ura taasiisuun murtoo kana dabarsuu eereera.

Haaluma kanaan paartileen siyaasaa sanadoota dirqama dhiyaachuu qabu %35 ol dhiyeeffachuu hin dandeenye 26 haqamuu ibsameera.

1.Paartii Adda Bilisummaa Aboo Oromoo

2.Paartii Adda Bilisiumaa Tokkummaa Oromoo

3.Paartii Adda Bilisummaa Gamtaa Oromoo

4. Paartii Adda Bilisummaa Demookraatawaa Oromoo

5.Paartii Bilisummaa Demookraatawaa Oromoo

6. Paartii Kongirasii Biyyaalessa Oromoo

7.Paartii Gamtaa Demookraatawaa Oromoo dabalatee paartileen sanadoota dhiyaachuu qabu hin dhiyeeffanne 26 haqamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.