Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa paartilee siyaasa galmee isaanii seeraan xumuraan mallattoo Paartii isaanii bakka bu’uu akka galchaan dhaame

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa paartilee siyaasa galmee isaanii seeraan xumuraan mallattoo Paartii isaanii bakka bu’uu akka galchaan dhaame.
Paartileen siyaasa kunis mallattoo paartii keenya bakka bu’aa jedhan Amaajjii 13 -18, 2013 gidduutti galchuu qabu jedheera boordiichi.
Haaluma kanaanis boordiichi paartileen siyaasa mallattoo isaanii haala kamiin filachuu akka qaban ifoomseera.
Inni jalqabaa Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo gara garaa qopheessee jira kanaaf paartileen siyaasa mallattoo bakka isaan bu’uu filachuu danda’uu jedheera.
Akkasumas Filannoon filataanis paartii isaanii kan wal qabatee ta’uu qaba jedheera boordiichi.
Kan lammataa Paartileen mallattoo mataa isaanii dhiyeeffatanis ulaagaa guutuu qabanis ifoomseera.
Haaluma kanaan mallattoo isaanii maxxansuun galmeef qabatanii dhiyaachuu akka qabaniifi mallattoo isaanii kan ibsu mallattoo dijitaalaa Fiilaashiin dhiyeessuu qabu jedhameera.
Kan bira Mallattoon isaanii halluu gurraachaa fi Adiin kan qophaa’e ta’uu qaba.
Boordiichis mallattoo paartileen siyaasa dhiyeesaan ilaaluun Amaajjii 18 hanga 24 murtoo akka kennamu ifoomseera.
Mallattoon paartileen siyaaasa dhiyeesan kun namoota dhuunfaan dorgoomaan hin ilaallatus jedheera Boordichi.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.