Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa iyyannoo hoggantoonni Adda Bilisumma Oromoo dhiyaassaniif murtoo yaadaa laate

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) -Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa iyyannoo jijjiirraa fi dhorkama hoggantootaa ilaalchisee paartii Adda Bilisummaa Oromoo irraa dhiyaateef murtoo yaadaa laate.
 
Obbo Araarsoo Biqilaafaan xaalayaa lakkoofsa 06/ABO/12 Hagayya 1, 2012 fi 7/08/12, 05/03/19 lakkoofsa 08/ABO/12 barreessaniin koreen hojii raawwachiiftuu paartichaa hayyuu duree Adda Bilisummaa Oromoo obbo Daawud Ibsaa aangorraa dhorkamaniin jechuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtoo kana akka beekuu gaafataniiru.
 
Gama biroon obbo Daawud Ibsaafaan xaalayaa gaafa guyyaa 08/10/2020 lakkoofsa 0211/xly/abo/ 2020 barreessaniin miseensota koree hojii raawwachiiftuu paartichaa kan turan obbo Araarsoo Biqilaa, obbo Toleeraa Tashoomaa, obbo Atoomsaa Kumsaa fi miseensoota mana maree biyyaaleessaa kan turan obbo Qajeelaa Mardaasaa fi obbo Arbichoo Diima hanga yaa’ii waliigalaa itti aanuutti itti gaafatamummaa isaanirraa dhorkamuu isaanii Boordichi akka beeku gaafachuu ibsameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa walga’ii Fulbaana 28, 2013 gaggeesseen waldhabdee paarticha gidduutti uumamee fi iyyaannoo qaamolee lamaanii qorachuu beeksiseera.
 
Boordichi waldhabdee miseensota paartiilee gidduutti uumame fi iyyannoo dhiyaate bu’ura labsii lakkoofsa 1162/ 11 keewwata 74 keewwata xiqqaa 6 jalatti tumameen dhimmichatti murtoo laachuuf yaa’ii ogeeyyii hundeessuuf aangoo akka qabu ibseera.
 
Haaluma kanaan obbo Daawud Ibsaafaan kan filatamu/ filatamtu namtokko fi obbo Araarsoo Biqilaafaan kan filatamu/ filatamtu namtokko, akkasumas miseensoota lameeniin kan filataman ogeeyyii kannen kan dursu ogeessa biroo boordiichi filachuun yaa’iin ogeeyyii yeroof akka hundaa’u walga’ii kaleessa gaggeesseen murteessuu beeksiseera.
 
Bu’uruma kanaan waldhabdee qaamolee lamaanii ogeeyyiin filataman qorachuun yaada murtoo dhiyaaterratti hundaa’uun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtee dhumaa kan laatu ta’uu ragaan Boordicharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.