Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa galmeen Kaadhimamtoota xummuramuu beeksiise

Finfinnee,Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa galmeen Kaadhimamtoota guyyaa kaleessaa xummuramuu beeksiiseera.
Galmeen Kaadhimamtootaa marsaa lamaan gaggeeffaamaa turuu ibseera.
Yeroon galmee akka dheeratu iyyannoo Paartilee siyaasaa hiikuuf hojjetamaa turuu Boordichi beeksiseera.
Dhimmoota sababoota garaagaaran addaatti ilaallamaniin ala galmeen Kaadhimamtootaa filannoo marsaa 6ffaa Gurraandhala 30,2013 ifatti cufamuu Boordichi Fuula Feesbuuki isaan beeksiseera.
Maqaan Kaadhimamtootaa yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu himeera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa galmee Kaadhimamtoota Gurraandhala 1, 2013 eegalee gaggeessaa turuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.