Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ADWUIn qaama seerummaa dhabuu ilaalchisee murtee kenne

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) qaama seerummaa dhabuu ilaalchisee murtee kenne.

ADWUIn gama dura taa’aa isaatiin addichi diigamuu xalayaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa barreeffameen kan beeksiise yoo ta’u, Addi Bilisa Baasaa Ummattoota Tigraay (ABUT) gama dura taa’aa isaatiin xalayaa barreeffameen Addichi waan diigameef haala qoodiinsa qabeenyaa irratti boordichi murtee akka kennu gaaffiin dhiyaatera.

Bu’uuruma gaaffii dhiyaateen Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murtee laateera.

Haata’uuti, boordichi paartileen sadi addicha keessaa bahuun paartii haaraa uumuun Paartii Badhaadhinaa hundeessu isaa hubateera.

Addichi diigamuu isaa boordiin sagalee guutuun murteesseera. Addichi diigamuun walqabatee boordiin qabeenya ADWUI ilaalchisuun murtee laachuu akka qabus hubateera.

Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa qoodinsa qabeenya ADWUI ilaalchisuun murtee dabarseera.

I. Paartiin Badhaahinaa fi ABUT qabeenya ADWUI kan adda basu koree waliin akka hundeessan.

II. Maqaa ADWUIn idaan jiru qoratamee akka kaffalamu.

III. Kaffaltii idaarra qabeenyi hafe 3/4n paartii badhaadhiinaaf ¼ ammoo ABUTf akka qoodamu.

Baatii 6 keessatti xumuruun Boordiichaaf akka beeksisaan murteesseera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.