Boordichi waldhabdee miseensota ABO gidduutti uumame ilaalchisee murtoo dabarse
Finfinneen, Muddee 9, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa waldhabdee miseensota hoggantootaa Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti uumaame ilaalchisee murtoo dabarseera.
Boordichi miseensonni kunneen iyyannoo garaagaraa dhiyyeeffachaa turee ibseera.
Hagayyaa 1, 2012 irraa eegalee miseensonni koree hojii raawwachiiftuu murasaani fi itti aanaan dura taa’aa paartichaa xaalayaa barreessaniin dura taa’aan paartichaa aagorraa dhorkamuu boordicha beeksisaniiru.
Dabalataan miseensonni kunneen irra deddeebiin hoggansa paartichaarratti iyyannoo dhiyeessaa turaniiru.
Gama biroon dura taa’aan dhaabbatichaa walga’ii mana maree Fulbaana 2, 2013 taa’een itti aanaa dura taa’aa fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu fi koree giddugaleessaa muraasa hanga yaa’ii waliigalaa itti aanutti itti gaafaamummaa isaanirraa kaasuu xaalaayaa barreesseen boordicha beeksiseera.
Boordichi bu’uruma aangoo seeraan laatameefiin koreen ogeeyyii xaalaayaawwanii fi iyyannoowwan qaamolee lamaanii qoratu akka hundaa’u murtoo dabarsuun isaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan gama obbo Araarsoofaan ogeessi ramadamus ,obbo Daawud faan ogeessa dhiyeessuuf fedhii dhaburra darbee dhimmichi dambii keessaa paartichaan waan xumuramuu qabu jechuun deebii laataniiru.
Dabalataan ogeessa dhimmicha ilaaluuf fedhii qabu argachuun hin danda’amne.
sababa kanaan boordichi dhimicha ofiif qoratee murtee laachuuf dirqameera.
Waldhabdeen jiru keessoo paartichan furamuu akka hin dandeenye fi murtoo boordichaa akka barbaachisu hubachuun murtoowwan gurguddoo armaan gadii laateera.
1. Iyyannoon obbo Araarsoon faan dhiyeessan adeemsa guutuu qabu waan hin guunneef fudhatama kan hin qabne ta’uu hubateera. yaa ta’uutii dura taa’aan paartichaa aangoorraa dhorkamuu isaanii xaalayaan koree hojii raawwachiifturraa ergame fudhatama seeraa kan hin qabne ta’uu murteessera.
2.Mallattoo obbo Daawudiin murtoo manee maree biyyaalessaa jechuun itti aanaan dura taa’aa paartichaa fi miseensonni koree hojii raawwachiiftuu fi koree giddugaleessaa ilaalchisee boordichaaf dhiyaates dhimmoota guutamuu qabu guutee waan hin dhiyaannef seeraan fudhatama kan hin qabne ta’uu murteessera.
Miseensonni koree hojii raawwachiiftuu kunneen miseensummaa isaaniin akka itti fufan murteesseera.
3. Qaamoleen lameen yaa’ii waliigala waloon akka gaggeessan boordichi murteessuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.