Fana: At a Speed of Life!

Boordichi walaba ta’ee ergama isaa akka raawwatu murannoon nan hojjedha – Aadde Meelaatawarqi

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa bilisaa fi walaba ta’ee argama isaa akka raawwatu murannoon kan hojjetan ta’uu Walitti qabduu boordichaa ta’uun kan mudaman Aadde Meelaatawarq Hayiluun ibsan.

Itti gaafatamummaa fi imaanaa mootummaa fi ummataan itti kenname sirnaan ba’uuf qophaa’uu Aadde Meelaatawarq eeraniiru.

Milkaa’inoota boordichaa itti fufsiisuuf bilisaa fi walabaan hojjechuun ummata biratti amanamummaa isaa dabaluuf hoggantoota naannolee waliin kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Fedhii ummataa guutuuf hanqinaalee jiran maksuun hojii duraa ta’uu kaasaniiru.

Aadde Meelaatawarq har’a walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaan ta’uun mudamuun kan yaadatamuudha.

Aadde Meelaatawarq Yuunivarsiitii Finfinneerraa seeraan digrii jaqlabaa, Nageenyaa fi qorannoo nageenyaan digrii 2ffaa fi Yuunivarsiitii Harvaardirraa Bulchiinsa Humna Namaan Digrii 2ffaa argataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.