Boordichi naannolee sagaleen Filannoo Waxabajjii 14, 2013 itti hin laatamne Qaammee 1, 2013 kan laatamu ta’uu beeksiise
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa naannolee sagaleen Filannoo sababoota garaagaraan Waxabajjii 14, 2013 itti hin laatamne Qaammee 1, 2013 kan laatamu ta’uu beeksiise.
Boordichi hojiilee hojjechaa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Waraqaan salageen itti laatamu har’aa eegalee naannolee Filannootti raabsamu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Qajeelfama Filannoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ba’e adeemsi filannoo bara 2013 keessa xummuramuu qaba jedhu hordofee naannolee sababoota garaagaraan Waxabajjii 14, 2013 sagaleen itti hin laatame, Qaammee 1, 2013 akka laatamu murtaa’uu ibseera.
Qaammee 1, 2013 booda sagaleen laatamu kan hin jirre ta’uu beeksiiseera.
Waldaaleen Siiviikii 102 lammiileen sagalee akka laatan hirmaannaa taasiisaa jiraachuu himeera.
Guyyaan murtoo sagalee Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa yoom akka ta’u Boordichi yeroo dhiyootti kan ifoomsu ta’uu eereera.
Lammiileem sagalee isaanii karaa bilisaa fi seera qabeessa ta’een akka laatan hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa ta’uu boordichi ibsa lateen himeera.
Yisimaaw Adaarawitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.