Fana: At a Speed of Life!

Boordichi labsii Filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoorratti fooyya’iinsa taasiisa

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa labsii Filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 keewwata 31/3 irratt fooyya’iinsa taasiisuu ibsame.
Kaadhamamtoonni dhuunfaa kana dura sagalee deeggarsaa namoota kuma 5 walitti qabuun dirqama tura ammaa gara kuma 2 fi 500tti akka hir’atu taasiifameera.
Akkasumas Kaadhimamtoonni qaama miidhamtoonni sagalee deeggarsaa namoota kuma 3 walitti qabuun dirqama ture gara namoota kuma 1 fi 500tti hir’ateera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesaa har’a gaggeesseera.
Boordichi labsii kana guyyaa har’aa mana mare bakka bu’oota ummaataaf dhiyeessuun sagalee caalmaan ragga’eera.
Keewwanni 32 muraan 2 jalatti kaadhimamtoonni paartilee siyaasaa sagalee deeggaarsa walitti akka qaban tumameera.
Yaa’ ta’uutii filannoo bara kana gaggeeffamuuf weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi tuttuqaa hir’isuuf keewwaticha fooyyeessuun dirqama ta’ee argamuu ibsameera.
Fooyya’iinsi taasiifame filannoo biyyaaleessa marsaa 6ffaa bara kanaaf qofaaf kan tajaajilu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.