Fana: At a Speed of Life!

Boordichi komii paartileerraa dhiyaatef, qaamoleen komiin irratti dhiyaate ibsa akka laatan waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Guurrandhala 26, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa komii paartilee siyaasaarraa dhiyaatef, qaamoleen komiin irratti dhiyaate ibsa akka laatan waamicha dhiyeesse.

Boordichi;
1/ Paartiin Demokraasummaa Tigraay hidhaa, sodaachisoo fi waajjira irratti cufuun irra ga’uu,
2/IZEMAn walga’iin jalaa gufachuu, Goondarii fi Dabra Birihaanitti waltajjiin akka gufatu qaamoleen nageenyaa tumsa gochuu,
3/Paartiin Biyyoolessaa Oromoo, hidhaa, cufamuun waajjiraa, taappeellaan jalaa kaafamuu, sodaachisoon irra ga’uu,
4/KFOn sodaachisoo fi hidhaan miseensotaa irra ga’uu,
5/ABOn mallattoo hundeessituu saamamuu, hidhaan miseensotaa irra ga’uu,
6/ Dhaabbanni Demokraasummaa Geede’oo sanadaa fi mallattoo guutinsaa saamamuu isaanii himachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan Gurraandhala 26 fi 27,2012 qaamoleen mootummaa sanadoota deebii dhimmichaa qabachuudhan boordichatti dhiyaatanii ibsa akka laatan waamicha dhiyeessera.

Deebii akka laatan kan waamamanis;
•Mootummaa naannoo Tigraay
•Mootummaa Naannoo Oromiyaa
•Koomiishinii Poolisii Amaaraa
•Koomiishinii Poolisii Ummattoota Kibbaa
•Koomiishinii Poolisii Oromiyaa
•Godina Shawaa Bahaa, Poolisii Baatuuti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.