Fana: At a Speed of Life!

Boordichi haala qabiinsa lammiilee iddoo tursiisa addaa daawwachuu eegale

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Boordiin sakkattoo labsii yeroo ariifachiisaa haala qabiinsa lammiilee iddoo tursiisa addaa daawwachuu eegale.
 
Boordiin sakkattoo kun guyyaa har’aa haala qabiinsa lammiilee iddoo tursiisa addaa keessa jiranii daawwachuu eegaluu isaa Waajjirri Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa beeksiseera.
 
Boordiin sakattoo labsii yeroo ariifachiisaa xiyyeeffannoo mootummaan lammiileef kennaa jiruu fi haala waliigalaa qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee daawwaannaa kan taasisu ta’uu Faanaa Broodkaasting Koorporeetif himuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa keessatti dhiittama mirga namoomaa mudachuu danda’u hambisuuf boordichi hordoffii taasisaa jiraachuu himeera.
 
Boordichi wayita raawwii labsii yeroo muuddamaa sarbama mirga namoomaa raawwatamu hordofuun seeraatti kan dhiyeessuu fi bu’aa qorannoo isaas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessuuf dirqama qaba jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.