Fana: At a Speed of Life!

Boordichi gaaffii gurmaa’iinsa ummataa dhiyaaterratti murtoo dabarse

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) –Boordiin Filannoo Ityoophiyaa gaaffii gurmaa’iinsa ummataa Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii dhiyeessanirratti murtoo dabarseera.
Boordichi gaaffii gurmaa’iinsa ummataa ilaalchisee Af yaa’ichi dhiyeessaniif murtoo laachuu ibseera.
Manni Maree Federeeshii Xaalayaa Lakkoofsa MMF (5)807 Hagayyaa 12, 2014 barreesseen godinaalee 6 fi aanaaleen addaa 5 naannoo kibbaatti argaman waloon gurmaa’uun naannoo tokkoo uumuuf gaaffii dhiyeessaan Boordichaaf dhiyeesseera.
Boordichis akkaataa dambii isaan akka ilaalu gaafateera.
Gaaffii naannoo ta’anii gurmaa’uu kanarratti murtoon ummataa akka gaggeeffamu gaafateera.
Murtoon ummataa kun baatii sadi keessatti akka gaggeeffamu gaaffii Manni Marichaa dhiyeesseef Boordichi ija seeraan qorannoo gaggeessaa turuu eereera.
Haaluma kanaan labsii Hundeeffama Boordichaa Lakkoofsa 1133/2011 keeyyyata 7/22/ tiin murtoo fi gurmaa’iinsa ummataa sadarkaa isaa eeggate gaggeessuuf yeroo fudhatuu fi waliigalaa seera kaa’ame (fakkeenyaaf, Heera Mootummaa keewwata 47(3)) Dhaabbatichi sagantaa taateewwanii qopheessuu, raggaasisuu fi akka barbaachisummaa isaatti fooyyessuu fi raawwachuuf aangoo qofa akka qabu kaa’amuu ibseera.
Bu’uuruma kanaan boordichi dhimmicha raawwachiisuuf qophii loojistiksii taasiisuu, raawwachiiftoota filachuufi ramaddii gaggeessuu dhimma nageenya filannoo madaaluu, filattotaaf barnoota laachuu, buufataalee filannoo gurmeessuu, taajjabdootaaf eeyyama laachuu fi qooda fudhattoota dhimmicha ilaallatu waliin mari’achuuf yeroo barbaachisu gabatee yeroo baasuun Mana Marichaaf kan ibsu ta’uu himeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.