Fana: At a Speed of Life!

Booranni Bahaa lafa safuuf seenaa, nama ayyaantuufi seeraa, warra sirnaafi jaalalaati – Pir. Shimallis Abdiisaa

Daawwannaa hojii misoomaa Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti ji’a darbe eegalle ittifufnee, dachee warra jilaa Abbaa Gadaa Ilma Galmaa, Godina Borana Bahaatti argamneerra. Boranni Bahaa lafa safuuf seenaa, nama ayyaantuufi seeraa, warra sirnaafi jaalalaati.

Lafa aadaan, duudhaafi qaroominni Oromoo irraa waraabamee hin dhumne, qe’ee sirnoota darban heddu keessatti aggaammii irra gahe damdamatee, aadaa isaatti cichee ammas calaqqisee mul’atuudha.

Daawwannaa keenyaan, hojiilee misoomaa Anaalee Gooroo Doolaa, Gumii Eldalloofi Liiban akkasumas Pirojektoota Finnaafi Buufata Xayyaaraa magaalaa Nageellee ilaallee jirra. Hojiileen inisheetivii qonnaa godinichatti raawwatamaa jiru, poteenshaala guddaa qabnuufi galma cehumsa hawaasa keenya horsiisee bulaa jijjiiruuf qabnu kan agarsiisudha.

Boranni Bahaa qonna midhaani yeroo dhihoo as kan eegale ta’us, bara kana lafa hekt. kuma 141 ol midhaaniin kan uwwifame yoota’u, kana keessaa lafti hekt. kuma 71 ta’u qamadii afraasati. Godinichatti labsii inisheetivii qamadii dura lafa hekt. kuma 25 hincaalle qofa qotamaa kanture yoota’u, jijjiiramni waggoota muraasa keessatti argame kun, hoggansa gaarii kenninaan wanti ummanni keenya hinmilkeessine akka hinjirre kan muldhisuudha.

Boranni Bahaa lafa leecalloowwaan qaaliiti; qabeenya ofirraa hambisee naannoofi biyya sooru heddu qaba. Carraa dansaa as jiru kana imaammata sirriin hoggannaan dinagdee ummata keenya giddugaleessa godhatefi hinraafamne kan ijaarruu ta’uu ibsuun barbaada.

Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.